Affaan Oromo

Siinqee: Kabachiiftuu mirga dubartootaa

 

Siinqee: Kabachiiftuu mirga dubartootaa Oromo

Siiqee, ibstuu haqaa

 

Seera sirna Gadaatiin tumameef kabachiisuu keessatti siinqeen baatee seeraan falmachuun mirga dubartoota hundaati. Dubartoonni dhiibbaa korniyaa isaanirra gahu ofirraa faccisuuf siinqeetti fayyadamu. Kunis miira ho’aan haala armaan gaditti barreeffameen akka dhiyaatuudha maanguddoonni Oromoo keessumaa Arsiitti kan ibsan.

 

“Kaleessa seera Gadaa keessatti hanfalas naa kenniteetta jaarmiyaa siinqees naa dhaabdeetta. Dhiibbaa akkanaatu narra dhaqqabee naa argi, dhugaa tiyya naa murteessi” jettee himatti. Kanaan booda hanga murtii dhugaa argattutti qe’eetti hingaltu. Inumaayyuu akka armaan gaditti ibsameen dhaadatti.

 

“Diidallee (ala) bulu waraabo nan nyaatuu,

 

Waan kiyyaaf ta’aa waraana hinbarbaaduu

 

Dhugaa tiyya balleessee, ani dhaltiisaa hinelmuu,

 

elemtuu silgaati isaa hinelmuu,

 

elemaa mirgaa isaa hinqabuu,

 

Farda kooraa isaa hinqabuu,

 

natuffate, uumaa tiyya kessaa na baasee.”

 

jettee himannaan, battaluma sanatti hayyoonni bayanii furmaata kennuuf. “Dubartiin hinsobdu” jedhamee waan amanamuuf dubartiirratti ragaan hingaafatamu. Yeroo kana namni (abbaa warraa) himannaan ykn komiin irratti dhiyaate wanti adabamu ni jira. Kaninni adabamuu qabus akka akkana jechuun ibsatti.

 

“Korma Horaa malee,

 

Dhaltii boollaa malee hin nyaadhu.

 

Mirgoo hinbeeku dilgoo hinbeeku”

 

jettee dhaadannaan yaada isii ibsatti jechuudha. Shanachis (‘The judicial body’) yeroodhuma sana bayee raawwachiisaaf. Beektuu cimoo sirna kanaa kan ta’an Aadde Bujjaa Jiloo yoo ibsan, “Akka seera Gadaatti guyyaa seeraa “Ganyaan (dubartootaa obboleeyyan abbaa tokkoofi gosaa fuudhaniifi naannawa tokkotti argaman) dhufte jedhamee miira sodaatiin simatamna, nyaara aggaree qabna. Gaafa morkaa ulfina guddaa dhiirarraa argannaa” jechuun ibsu. Dabalataanis akki jedhan, “keessumaayyuu guyyaan nuti dubbannuufi itti mul’annu guyyaa sana.

 

Sababiinsaas Gadaatu Woyyooma keenya nuuf tume jedhu. Seerri tumame ammoo hindaaqu, hinjigu. Hawaasa bira amantaa cimaan, dubartiin jagna, jagna deessi, gamna deessi. Isheen ibsaadha. Biddeenni, jiruufi jireenya maatii hundaa ishiidha, amantiin jedhu jira. Kanaafuu iddoo hundatti kabajaan isaani ifa bahuu qaba jechuun ibsu. Namni seera malee dubartii tuqe hofkaltii hinqabu jedhu.

 

Dhugaan kun siinqeen humna jabaa akka qabduufi seerri cimaanis akka tumameef waan namatti mul’isu qaba. Siinqeen mallattoo seeraati jechuudha. Dabalataanis siinqeen humna dubartiifi safuu qabdii jedhu. Kitaabota adda addaa keessattis, dubartoonni yeroo rakkoon isaan mudatu mana, daa’immaniifi loon gatanii gara waltajjii iyyannaatti akka bahan ibsu.

 

Yeroo iyyannaaf baatu kana, akka maatiisaa hinkunuunsine, nyaata hinqopheessine, loonsaa hinbobbaafne, hingalchineefi hinelmine weedduun ibsataa baati jechuudha. Kana jechuun akkuma waliigalaatti dubartiin hundi eleelfattee waan waltti baatuuf manni hundi sochii tokko malee rakkoo guddaafi jeequma keessa oola. Kanaafi, maanguddoonni battala rakkoon kun uumametti bahanii furmaata kana kennaniif. Kun immoo hangam siinqeen humna dubartootaa akka taate ibsa.

 

Gama biraatiin, akka aadaa Oromootti dhiirri diinqa ykn gola hinseenu. Kunis seenaa mataasaa qaba. Sababa kanaas maanguddoonni oggaa ibsan, yeroo tokko dubartiin takka korma kolaafte jedhama. Yeroo sanatti dubartiin korma kolaasuun safuufi gahee hojii isiif kennameen ala waan ta’eef jaaroleen bahanii seera tuman jedhama.

 

Seerri isaan tuman sunis, waanti diinqaa (golaa) gadii kan dhiiraa, waanti diinqaa olii kan dubartii ta’uu daangessan. Dhiirri diinqa seene qurquraa (waan fokkuu) haa ta’u, dubartiinis daangaa qabeenya bulchituuf isiif kenname sanaa ala yoo baate waan seerri hinkenniniif hojjatte waan ta’eef seeraan adabamti jedha (adabbiinsaa maal akka ta’e ibsamuu baatus).

 

Kanumarraa ka’uunis dhiirri gola seenuun hanga yeroo dhiyootti safuufi akka saalfiitti ilaalamaa turuusaa jaaroleen ni ibsu. Ammallee darbee darbee dhiirri diinqa seenuun akka saalfiitti ilaalamuun ni mul’ata.

 

Yeroo sanatti dubartiin abbaa manaatiin yoo wallolte ykn walitti bu’insi yoo uumame gara diinqaa ykn golaatti dheessuudhaan siinqeeshii qabatti. Yeroo kana hanga fedhe aarus itti hindubbatu. Hindhaanu. Irraa deebi’a. Yoo gola seenee osoo isiin siinqee qabattee dhaabattuu loleen ykn dhaane ni adabama. Tokkoffaa ishii diinqatti ol dheessite faana seenuufi lammaffaa ishii siinqee qabatte dhaanuun adabbii cimaa akka qabu maanguddoonni himu. Dubartiin abbaa warraatiin wallooltee gara diinqaatti dheessite mararteefi kabaja akka qabdus ni dubbatu.

 

Ilmi haadhasaa ani dhiira jedhee hindhaanu, hintuffatus. Haadhasaa kabajuu qaba. Ilmi yoom haati waan fedhe isa irratti raawwattellee jalaa dheessa malee hinloluun. Ilmi haadha dhaanu yoo jiraate adabbii qaba.

 

Akka tasaa yoo ilma dhalteen dhaanamte ykn ija hamtuunuu ilaalamte itti ililfattee horii dhaltiin inni qabu akka irraa qalamu taasifti. Yoo qabaachuu baates waanuma qabuun akka adabamu taasifama.

 

Himannaanshiis akkanatti dhiyaata,

 

“Intala aayyaa dhageettee!

 

Oduun si geettee!

 

Ilmatu na dhaanee dhageettee!

 

Oduun sigeettee”

 

jennaan dubartoonni hundi mana ilma haadha dhaanee dhaquun akkana jedhu:

 

“Harki haacitu ka dhiigeessaa,

 

Haadha dilgoo tiyyaa sii saffeessa”

 

Mucichis yeroodhuma sanaa jaarsolee barbaaddatee akka dubbii fixaniif gaafata. Haaluma kanaan horii dhaltii irraa qalatanii haadhatti woyyaa uffisiisanii daadhii bookaa naqee akka tufsiifatu taasifama. Asirratti wanti hubannu tokkoffaa, siinqeen qabiyyee amantaa waaqeffannaa waan qabduuf lammaffaa ummanni safuu waan eeggatuufi cubbuutu dhufa jedhee waan sodaatuuf ofumaa of ceephessuun dubbii ofirraa kan fixu ykn seeraaf kan bitamu ta’uusaati.

 

“Sirna Gadaa keessatti dubartiin ulfaa akkasumas deessuun baay’ee sodaatamtuudha. Dubartii ulfaa hintuqan. Qoraan cimaallee ishii biratti hinbaqaqsan. Yoo itti dheekkamanis handaara wayaatiin dhaanan (rukutu) malee miidhaa hamaa irraan hingahan”. Walumaagalatti, namni dubartii ulfa tuqe sa’a qala.

 

Qanafaas (dubartii dhiyoo deesse) dhadhaafi dammaan sooru, ni qananiisu jedha seerri ganamaa. Deessuun bakka hundattuu kabaja guddaa qabdi. Fakkeenyaaf mana namaa yoo seente diinqa malee hagicha (fuuldura) hinteessisan. Dhadhaa dibattu malee hinbaatu. Warri gabaatti waa gurguratu jabeessee itti hindubbatu. Aduun itti hinbaatu. Qanafaan dubartoota biratti faarfatamtuudha.

 

“Qanafaa hindheessaa

 

Tan faana fixeensaa

 

Deettuu tiyyaa maaloo

 

Rabbittiin si dheessa” jedhanii faarsan.

 

Dubartii Qanafaa kallacha qabdu dhaanuun adabbii qaba. Oftuulummaan, seera dabsuun ykn adabbii kennamu diduun hindanda’amu. Akkaataan itti adabsiisanis, dubartittiin Qanafaa rukutamte ykn dhaanamte siinqee ishii qabattee, elelfatti (waamicha naaf birmaadha dabarfatti). Yeroo kana dubartoonni qe’ee (ganda) sanii hundinuu walwaamanii siinqeesaanii qabatanii ba’uudhaan haala armaan gaditti ibsameen sagalee komiisaanii dhageessifatu.

 

“Ayyoo dhalee mucha aannanii,

 

Aana waamanii,

 

Jaalleen Olmaa’a

 

Na dura hindhaaninaa Qanafaan Wayyumaa,

 

Qanafaan aadaa deettuu dubartii,

 

Jaalleen tiyya dhaanamtee dhufnee nu murtii,

 

Qanafaan Wayyumaa qabaa,

 

Harra maal, yakka maaliitiif siin cabaa”

 

Dhaltii mucha ( harma) aannanii tiyya dhaananii

 

Ana waamanii

 

Uuma na dabsee

 

Qanafaa na cabsee” jechaa elelfate baanaan adabbiin yakka kanaa daran cimaadha. Sirna kana keessatti, namichi kan seeraaf hinbitamneefi yakkamaa ta’uusaas gara manasaa deemuudhaan faarfannaan ibsatu.

____________________________________________________________________________________________

Qubee Afaan Oromoo

Barnoota Qubee Afaan Oromoo fi seera isaa

Qubee:

 Mallattoo sagaleewwanii tahee bakka bu’uudhaan kan dubbatu jechuudha. Akkasumas mallattoo afaan tokko ittiin barreeffamee,namni qunnamtiidhaaf dhiima itti bahu jechuudha. Afaan Oromoo qubee qeenxee digdamii jaha (26) fi cimdii shan (5) qaba. Qubeen Afaan Oromoo akkaataa lamaan barreeffama. Isaanis qubee xixiqqaa fi qubee gurguddaa jedhamuudhaani.

 Qubee Gurguddaa (Ing:capital ) 
A B C D E F G H I
J K L M N O P(ergisa) Q R
S T U Vergisa W X Y Zergisa  

 

Qubee xixiqqaa
a b c d e f g h i
j k l m n o p q r
s t u v w x y z  

Qubeen Afaan Oromoo bakka lamatti(2) qoodamuudhaan ilaalama.

Isaanis: 1-Dubbifama (Eng:consonants) 2-Dubbachiiftuu(Eng:vowels)

1-Dubbifamaa qeenxee (Eng:single consonants)

Qubee Afaan Oromoo keessatti dubbifamaa kan jennuun kan ofii isaatii of dandahee dubbifamuu hindandeenyee fi dubbachiiftuutti irkatuudhaan kan sagalee kennu jechuudha. Isaanis lakkoofsaan digdamii tokko(21) jechuudha. 

Qubee dubbifamaa qeenxee (Eng: single consonants)Qubee Gurguddaa (Eng:capital )fi Xixiqqaa(Eng:small)
Bb Cc Dd Ff Gg Hh Jj Kk  
Ll Mm Nn Pp  Qq Rr Ss Tt Vv
Ww Xx Yy Zz          

 

2-Dubbachiiftuu (Eng:vowel)

 Qubee Afaan Oromoo Keessatti dubbachiiftuu kan jennuun, kan mataa isaatiin of dandahee dubbifamuu dandahuu fi qubee dubbifamaatti ida’amuudhaan akka sagalee kennu kan goosiftuudha. Kanaafuu, waan dubbiftuuf jecha maqaan dubbachiiftuu jedhu itti moggaafame.

 

 Dubbachiiftuu  (Eng: vowels)Xixiqqaa fi gurguddaa
A E I O U
a e i o u

 Qubee cimdii (Eng:double consonant)

Qubee Afaan Oromoo keessatti qubee cimdii kan jennuun dubbifamaa tahee qubee lama kan addaan bahuu hin dandeenye, sagalee biraa kennuudhaaf akka qubee tokkootti itti fayyadamnuu dha.

    Hubadhaa:

 Seera qubee Afaan Oromoo keessatti, qubeeleen cimdii lama walitti aananii hin barreeffaman.

Jabinaa fi laafinni qubee cimdii haasaya keessatti ykn hima keessatti beekuu dandeenna.

Qubee dachaa /cimdii (Eng:double consonants)Gurguddaa
CH DH PH SH NY TS(ergisa) ZH(ergisa) KH(ergisa)  
ch dh ph sh ny ts zh kh  

 Seera sagaleen  Afaan Oromoo itti barreefamu

Seera sagaleeAfaan Oromoo itti barreessinu keessaa akka fakkeenyaatti yoo fudhanne; Seera sagalee dheeraa, gabaabaa, laafaa, jabaa, dheeraa-laafaa, gabaabaa-laafaa, dheeraa-jabaa, gabaabaa-jabaa, irra butaa, hudhaa fi kkf akka armaan gadiitti laaluuf jiraanna. Garuu san duratti qabattee armaan gadii keessa sagalee dheeraa fi gabaabaa dubbachiiftuu shanan waliin qidaaye hubachuuf haa yaalluu.

Sagalee gabaabaa
a e i o u
ba be bi bo bu
ca ce ci co cu
cha che chi cho chu
da de di do du
dha dhe dhi dho dhu
fa fe fi fo fu
ga ge gi go gu
ha he hi ho hu
ja je ji jo ju
ka ke ki ko ku
la le li lo lu
ma me mi mo mu
na ne ni no nu
nya nye nyi nyo nyu
pa pe pi po pu
pha phe phi pho phu
qa qe qi qo qu
ra re ri ro ru
sa se si so su
sha she shi sho shu
ta te ti to tu
va ve vi vo vu
wa we wi wo wu
xa xe xi xo xu
ya ye yi yo yu
za ze zi zo zu
         

                   

Sagalee dheeraa
aa ee ii oo uu
baa bee bii boo buu
caa cee cii coo cuu
chaa chee chii choo chuu
daa dee dii doo duu
dhaa dhee dhii dhoo dhuu
faa fee fii foo fuu
gaa gee gii goo guu
haa hee hii hoo huu
jaa jee jii joo juu
kaa kee kii koo kuu
laa lee lii loo luu
maa mee mii moo muu
naa nee nii noo nuu
nyaa nyee nyii nyoo nyuu
paa pee pii poo puu
phaa phee phii phoo phuu
qaa qee qii qoo quu
raa ree rii roo ruu
saa see sii soo suu
shaa shee shii sho shu
taa tee tii too tuu
vaa vee vii voo vuu
waa wee wii woo wuu
xaa xee xii xoo xuu
yaa yee yii yoo yuu
zaa zee zii zoo zuu
         

A.   Seera sagalee dheeraa fi gabaabaan itti barreeffamu

 Afaan Oromoo kessatti sagalee dheeressuu fi gabaabsuuf qubee dubbachiiftuutti fayyadamna. Yeroo jecha tokko keessatti qubee dubbachiiftuun gosa tokkoo lama taatee walitti aantee katabamtu, dubbachiiftuun suni sagalee dheertuu uumti. Yoo dubbachiiftuun suni takka duwwaa taate garuu, sagalee san keessatti dubbachiiftuun sun gabaabaa taatee dubbifatmti.

Fakkeenyaaf:

Sagalee dheeraa  baaduu  laafaa  gaadii  aalaa
Sagalee gabaabaa  Lafa   bona  buna  muka

B.    Seera sagalee jabaa fi laafaa

Hubadhu:

      1.  Seera barreeffama qubee Afaan Oromoo keessatti, jecha tokko yemmuu barreessinu jalqabarratti yeroo hundaa qubee dubbifamaa gosa tokkoo lama walitti aansinee barreessuun hin dandayamu (hin barreeffamu). 

 Fakkeenyaaf:

 llafa   ddhama“d” fi “dh” n walitti aanuu hin qabu  mmormuu

 2. Seera qubee Afaan Oromoo keessatti jechi tokko qubee dubbifamaa gosa tokkoo lama walitti aanee dhuma irratti hin barreeffamu.

 Fakkeenyaaf:

   Asitt  jarr  gann

  Afaan Oromoo keessatti sagalee tokko jabeessuu fi laaffisuu kan danda’amu qubee dubbifamaatti fayyadamuudhaani. Sagalee tokko jabeessuuf jecha tokko keessatti qubee dubbiffamaa gosa tokkoo lama wallitti aansinee katabna. Sagalee tokko laaffisuudhaaf ammoo, dubbifamaa gosa tokkoo lama wallitti aansinee yoo barreessuu baanne sagaleen sun laafaa jedhama.

  Fakkeenyaaf:

 Sagalee Laafaa  alaabaa  ala  mana  saree
 Sagalee jabaa  hattuu  duwwaa  callaa  ganna

 C- Seera sagaleen altokkotti dheeratee laafaa

Afaan Oromoo keessatti, sagaleen tokko altokkotti dheeressinee laaffisuu  kan dandeennu, qubee dubbachiiftuutti fayyadamuudhaani. Yoo jecha tokko keessatti qubeen dubbachiiftuun gosa takkaa lama walitti aantee fi qubeen dubbifamaan gosa tokkoo lama kan walitti aane keessa jiraachuu baate(hin jirre) sagaleen sun dheeratee laafaa taha jechuudha.

 Fakkeenyaaf:

sagalee altokkotti dheeratee laafaa
laa + luu = laaluu boo + nuu = boonuu
caa + lii = caalii faa + ruu = faaruu
suu + fii = suufii duu + ba = duuba

 D- Seera sagaleen altokkotti dheeratee jabaatu

Afaan Oromoo keessatti sagalee tokko jabeessinee dheeressuu kan dandeennu dubbifamaa fi dubbachiiftuutti fayyadamuudhaani. Kana jechuunis jecha tokko keessatti altokko dubbifamaan gosa tokkoo  lamaa fi dubbachiiftuun gosa tokkoo lama yoo waliiti aanee barreeffame sagaleen sun dheeratee jabaata jechuudha..

 Fakkeenyaaf:

Sagalee dheeratee jabaatu
faa + llaa = faallaa Faa + jjii = faajjii
ha + ttuu = hattuu muu + xxee = muuxxee
faa + ggaa = faaggaa goo + lloo = goolloo
Go + wwaa = gowwaa Gaa + mmee = gaammee

 E- Seera sagalee altokkotti gabaabatee laafu

 Afaan Oromoo keessatti sagaleen altokkotti gabaabatee laafaa tahuu kan dandahu, dubbachiiftuu fi dubbifamaatti dhimma bahuudhaani. Kana jechuunis yoo jecha tokko keessatti dubbachiiftuun gosa tokkoo lama walitti aantee barreeffamuu baatte( hin barreeffamne) fi dubbifamaan gosa tokkoo lama walitti aanee yoo barreeffamuu dhabeedha.

Yookaan dubbifamaa tokkoo fi dubbachiiftuu tokkotti yoo dhimma baaneedha.

 Fakkeenyaaf:

Sagalee gabaabaa laafaa
la + fa = lafa  la + ma = lama
dhu + ma = dhuma sa + di = sadi
ku + ma =  kuma dha + ma = dhama
   

 F- Sagalee gabaabatee jabaatu

 Afaan Oromoo keessatti sagaleen tokko gabaabatee jabaatuu kan dandahu, dubbachiiftuu fi dubbifamaatti dhimma baanee yoo jecha tokko keessatti, sagaleen dheerachuu baatee(dubbachiiftuu gosa takkaa lama walitti aansinee yoo hin barreessine)ykn gabaabsinee fi  duubbifamaan gosa tokkoo lama walitti aansinee yoo barreessine(yoo jabeessine) sagaleen sun sagalee gabaabatee jabaatu jedhama.

Sagalee gabaabatee jabaatu
ji + bba = jibba “bba” qubee gosa tokkoo dubbifamaa lamaa fi dubbachiiftuu takka walitti aanee barreeffame  ga + nna = ganna
ha + nna = hanna dhi + mma = dhiimma
mu + cha = muchahubadhu: sagaleen “cha” yeroo dubbifnu ni jabaatti. go + cha = gocha

 G. Seera sagalee irra butaa itti barreessinu

Afaan Oromoo keessatti sagalee irra butaa barreessuudhaaf dubbifamaatti fayyadamna. Sagalee irra butaa kan jennuun, yoo dubbifamaan gosa garaagaraa lama walitti aanee barreeffameedha. Qubee cimdiidhaan alatti jechuudha (qubee cimdii akka qubee tokkootti waan fayyadamnuuf jacha).

 Fakkeenyaaf:

Sagalee Irra butaa
ab + dii = abdii “b” fi “d” qubee gosa adda addaa lamatu walitti aanee barreeffame jechaadha. far + da = farda “r” fi “d” qubee gosa adda addaa lamatu walitti aanee barreeffame jechaadha.
 gan + da = ganda  hum + na = humna
har + dha = hardhahub: qubee “dh” akka qubee tokkootti waan itti fayyadamnuuf jecha.  bur + qaa = burqaasagaleen kun irra butaa tahee dheerata jechuudha.

 H- Seera Hudhaa/laagee ( ‘ ) itti fayyadamnu

Seera qubee Afaan Oromoo keessatti dubbachiiftuun lamaa ol walitti aananii hin barreeffaman. Haatahu malee, bakka dubbifamaan hin jirretti dubbachiiftuun sadi ykn afur taatee yoo walitti aantee dhufte hudhaa /laagee/( ‘ )  gidduutti godhuudhaan itti fayyadamna. Kana jechuunis, bakka hafuurri citee dubbifamaan hafutti  Laagee/hudhaa/( ‘ )  galchina jechuudha. Yookaan sagaleen yemmuu walitti ida’amu inni gama tokkoon itti dabalamu yoo dubbachiiftuu qofa tahe laagee gidduutti galchina.

 Fakkeenyaaf:

Jechoota hudhaa/laagee/( ‘ ) of keessaa qaban
Re + ee = re’eeDubbachiiftuun sadi altokko walitti aantee waan dhufteef Fe + e = fe’eYeroo  dubbifnu sagalee “fe” fi “e” jidduutti sagaleen waan cituuf jecha.
Du + uu = du’uuDubbachiiftuun sadi walfaana waan barreeffamuu hin dandeenyeef Taa + uu = taa’uu
To + to +rra + uu= totorra’uu Har + a = har’a

  Seera fayyadama qubee gurguddaa fi xixiqqaa

 Afaan Oromo kessatti kan qube gurguddaadhaan bareefamu:

– jalqabni sagalee:  maqaa namaa, maqaa ummattaa, maqaa biyyaa, maqaa lafaa, maqaa baatii, maqaa guyyaa fi akkasumas

         Jalqabni dhaabii dubbii -> kan tuqa (.) booddee dhufu hundaa.

          Kan kana irraa hafan hunduu qube xixiqqaadhaan barreeffamu.

         Fkf 1. Maqaa namaa:

         1- Abdii, Obsaa, Gammadaa, Caaltuu….fi  k.k.f.

         2. Maqaa ummattaa: – Oromoo,Boorana , Baarentuu,…….fi k.k.f.

         3. Maqaa biyyaa: – Oromiyaa, Jaappaan, Ameerikaa, Jarman….fi k.k.f.

         4. Maqaa lafaa:

          a) maqaa tuluu: – Baatuu, Gaara Mul’ataa, Cilaaloo k.k.f.

          b) maqaa lagaa: – Haawaash, Gannaalee, Gibee, Dhidheessaa…fi k.k.f.

          c) maqaa magaalaa: – Adaamaa, Bushooftuu, Finfinnee, Amboo, Dirre Dawaa …fi k.k.f.

          d) maqaa gandaa: – Salaalee, Jiddaa, Hoolota, ….fi  k.k.f.

                                        5. Maqaa baatii (ji’aa)

  Maqaa ji’aa(baatii)Afaan Oromootiin  Maqaa ji’aa(baatii)Afaan Ingiliiziitiin
1.      Amajjii 1. January 
2.  Gurraandhala 2.February 
3.  Bitootessa  3.  March
4.      Caamsa  4. April
5.      Ebla   5. May
6.      Waxabajjii  6.  Jun
7.      Adoolessa  7. July
8.      Hagayya  8. August
9.      Fulbaana   9.  September
10.  Onkololeessa  10. Oktober
11.  Sadaasa  11. November
12.  Muddee 12. December

              6. Maqaa guyyaa (maqaa guyyaa torbanii):

Maqaa guyyaaAfaan Oromootiin  Maqaa guyyaaAfaan Ingiliiziitiin 
1.      Wiixata, Dafinoo, Hojja-duree, Isniina  1.      Monday
2.      Kiibxata, Lammaffoo, Facaasaa, Balloo, Salaasaa  2.  Tuesday
3.  Roobii(Arbii, Harbaa) 3.  Wednesday
4.  Kamisa(Kamsaa) 4.  Thursday
5.  Jimaata(Jum’aa) 5.  Friday
6.  Sambata( Sambata xiqqaa, Sambata duraa, Sabtii) 6.  Satarday
7.  Dilbata( Sambata guddaa, Gidir-sambata, Alhada) 7.  Sunday

:::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::

Takkooyyee!

The following method of traditional teaching presents the most widely used pedagogical technique, employed among the Oromo of Oromia, in teaching children. This method was, and is today, aimed at teaching number utilizing nature and natural elements to visualize the teachings-learning process. Here, children will learn not only numbers and how to count them, but also different aspects of nature. Thus the method will help them understand and widen their world view. The presentation is made in Oromo, to maintain its originality and quality.

Tokko maali? Takkaan qubee Lama maali? Lamaan mucha re’eeTakkaan qubee, (takka keessaa billisaan qawu)
Sadii maali Sadan sunsummanii
Lamaan mucha re’ee (re’uu) Takkaan qubee
Afur maali? Afran mucha (muchiin) sa’aa (saayyaa) Sadan sunsummanii Lamaan mucha re’ee (re’uu) Takkaan qubee
Shan maali? Shanan quba harkaa(qubbiin namaa) Afran mucha (muchiin) sa’aa (saayyaa) Sadan sunsummanii
Lamaan mucha re’ee (re’uu) Takkaan qubee
Ja’a (jaha) maali?
Jahan jabbii qaraxaa Shanan quba harkaa(qubbiin namaa) Afran mucha (muchiin) sa’aa (saayyaa) Sadan sunsummanii Lamaan mucha re’ee (re’uu)
Takkaan qubee
Torba maali? Torban torbee sambataa(torban torbaniin buufne) Jahan jabbii qaraxaa Shanan quba harkaa(qubbiin namaa)
Afran mucha (muchiin) sa’aa (saayyaa) Sadan sunsummanii Lamaan mucha re’ee (re’uu) Takkaan qubee
Saddeet maali? Saddeet dhala leencaa
Torban torbee sambataa(torban torbaniin buufne) Jahan jabbii qaraxaa
Shanan quba harkaa(qubbiin namaa) Afran mucha (muchiin) sa’aa (saayyaa)
Sadan sunsummanii Lamaan mucha re’ee (re’uu) Takkaan qubee
Sagal maali? Sagal lakkoofsa ekeraa Saddeet dhala leencaa
Torban torbee sambataa(torban torbaniin buufne) Jahan jabbii qaraxaa
Shanan quba harkaa(qubbiin namaa) Afran mucha (muchiin) sa’aa (saayyaa)
Sadan sunsummanii Lamaan mucha re’ee (re’uu) Takkaan qubee
Kudhan maali? Kudhan kurna tokko Sagal lakkoofsa ekeraa
Saddeet dhala leencaa Torban torbee sambataa(torban torbaniin buufne)
Jahan jabbii qaraxaa Shanan quba harkaa(qubbiin namaa) Afran mucha (muchiin) sa’aa (saayyaa) Sadan sunsummanii Lamaan mucha re’ee (re’uu)
Takkaan qubee
Digdammi (diiydam) maali? Digdammi kurna lama
Kudhan kurna tokko Sagal lakkoofsa ekeraa Saddeet dhala leencaa
Torban torbee sambataa(torban torbaniin buufne) Jahan jabbii qaraxaa
Shanan quba harkaa(qubbiin namaa) Afran mucha (muchiin) sa’aa (saayyaa)
Sadan sunsummanii Lamaan mucha re’ee (re’uu) Takkaan qubee
Soddommi (soddom) maali? Soddommi kurna sadii Digdammi kurna lama Kudhan kurna tokko Sagal lakkoofsa ekeraa Saddeet dhalaa leencaa Torban torbee sambataa(torban torbaniin buufne) Jahan jabbii qaraxaa Shanan quba harkaa(qubbiin namaa) Afran mucha (muchiin) sa’aa (saayyaa) Sadan sunsummanii Lamaan mucha re’ee (re’uu) Takkaan qubee
Afurtammi (afurtam) maali? Afurtammi kurna afur Soddommi kurna sadii Digdammi kurna lama Kudhan kurna tokko Sagal lakkoofsa ekeraa
Saddeet dhala leencaa Torban torbee sambataa(torban torbaniin buufne)
Jahan jabbii qaraxaa Shanan quba harkaa(qubbiin namaa) Afran mucha (muchiin) sa’aa (saayyaa) Sadan sunsummanii Lamaan mucha re’ee (re’uu)
Takkaan qubee
Shantammi (shantam) maali? Shantammi kurna shani
Afurtammi kurna afur Soddommi kurna sadii Digdammi kurna lama
Kudhan kurna tokko Sagal lakkoofsa ekeraa Saddeet dhala leencaa
Torban torbee sambataa(torban torbaniin buufne) Jahan jabbii qaraxaa
Shanan quba harkaa(qubbiin namaa) Afran mucha (muchiin) sa’aa (saayyaa)
Sadan sunsummanii Lamaan mucha re’ee (re’uu) Takkaan qubee
Jaattammi (jahaatam) maali? Jaatammi kurna ja’aa Shantammi kurna shani Afurtammi kurna afur Soddommi kurna sadii Digdammi kurna lama
Kudhan kurna tokko Sagal lakkoofsa ekeraa Saddeet dhala leencaa
Torban torbee sambataa(torban torbaniin buufne) Jahan jabbii qaraxaa
Shanan quba harkaa(qubbiin namaa) Afran mucha (muchiin) sa’aa (saayyaa)
Sadan sunsummanii Lamaan mucha re’ee (re’uu) Takkaan qubee
Torbaatammi (torbaatam) maali? Torbaatammi kurna torba Jaatammi kurna ja’aa Shantammi kurna shani Afurtammi kurna afur Soddommi kurna sadii Digdammi kurna lama Kudhan kurna tokko Sagal lakkoofsa ekeraa Saddeet dhala leencaa Torban torbee sambataa(torban torbaniin buufne) Jahan jabbii qaraxaa Shanan quba harkaa(qubbiin namaa) Afran mucha (muchiin) sa’aa (saayyaa) Sadan sunsummanii Lamaan mucha re’ee (re’uu) Takkaan qubee
Saddeetammi (saddeettam) maali? Saddeetammi kurna saddeeti Torbaatammi kurna torba Jaatammi kurna ja’aa
Shantammi kurna shani Afurtammi kurna afur Soddommi kurna sadii
Digdammi kurna lama Kudhan kurna tokko Sagal lakkoofsa ekeraa
Saddeet dhala leencaa Torban torbee sambataa(torban torbaniin buufne)
Jahan jabbii qaraxaa Shanan quba harkaa(qubbiin namaa) Afran mucha (muchiin) sa’aa (saayyaa) Sadan sunsummanii Lamaan mucha re’ee (re’uu)
Takkaan qubee
Sagaltammi (sagaltam) maali? Sagaltammi kurna sagali Saddeetammi kurna saddeeti Torbaatammi kurna torba Jaatammi (jahaatamni) kurna ja’a Shantammi kurna shani Afurtammi kurna afur
Soddommi kurna sadii Digdammi kurna lama Kudhan kurna tokko
Sagal lakkoofsa ekeraa Saddeet dhala leencaa Torban torbee sambataa(torban torbaniin buufne) Jahan jabbii qaraxaa Shanan quba harkaa(qubbiin namaa) Afran mucha (muchiin) sa’aa (saayyaa) Sadan sunsummanii Lamaan mucha re’ee (re’uu) Takkaan qubee
Dhibbi maali? Dhibbi kurna kudhan Sagaltammi kurna sagali Saddeetammi kurna saddeeti Torbaatammi kurna torba Jaatammi kurna ja’a Shantammi kurna shani Afurtammi kurna afur Soddommi kurna sadii Digdammi kurna lama
Kudhan kurna tokko Sagal lakkoofsa ekeraa Saddeet dhala leencaa
Torban torbee sambataa(torban torbaniin buufne) Jahan jabbii qaraxaa
Shanan quba harkaa(qubbiin namaa) Afran mucha (muchiin) sa’aa (saayyaa)
Sadan sunsummanii Lamaan mucha re’ee (re’uu) Takkaan qubee
Nu tokkoomnaan diina dhiba!!!

_________________________________________________________________________________________________—–_____________________________________________________________————–

Mammaaksa Oromoo

Salbaan Barii, Finfinnee, Oromiyaa 

Waggaa tokko dura marsa interneetii tokko irraa barruun dubbisee yaadannoo kiyyatti qabadhe tokko akkas jedha. “’Obsaan haannan goromsaa dhuga,’ jedha Oromoon wayitii mammaaku. Mammaaksi kun yaad-rimeen “obsa” jedhamu, hagam ulfaata fi nuffisiisaa (hifachiisaa) haata’u iyyu malee,  dhuma irratti badhaasa yookaan onnachiiftuu jabaa akka qabu sirriitti ibsa. Akkuma beekamu haannan goromsaa dhuguuf waggaa hedduu eeggachuu barbaachisa. Wayiti goromsi dhaltu garuu hannan furdaa fi ititaa wallaansa qaamaaf tolu dhuguun attam namatti tola! Namni obsa hinqabne immo goromsa guguree garbaqeessa waan bitatuf haannan furdaa fi ititaa hindhugin hafa.”

Barruu kana keessaa waa hedduu akka hubannu abdiin qaba. Ijoon dubbii kiyyaa garuu waa’ee obsaa nama barsiisuu miti. Dubbiin kiyya beekumsaa fi hayyummaa Oromoon bara dheeraa keessatti gabbifachaa dhufee yoonaan gahe keessa tokko kan ta’e karaa itti dubbii anniisaa qabu himanii fi barsiisan isinii qooduu fedheen.  Malli ittiin dubbii jabaa fi dhaamsa guddaa qabu dabarsan kun mammaaksaani. AMmmaaksi dubbii jabaa fi gabaabaa dhaamsa dhokataa fi hayyummaa of keessaa qabuu dha. Maalummaa mammaaksaa ibsuu irra, mammaaksa san dubbii keessatti mammaakuun irra caalaa waa’ee mammaaksaa kana namaaf ibsuu fi  hubannoo namaaf  dabaluu dha. Kanaaf, mammmaaksa Oromoo keessa haga tokko akak armaan gadiitti isiniif dhiyeessen jiraa; yoo marsa akeessaniif ta’e dhimma itti bahaa.

  • Dubbiin mana keenyaa futaasaaf furgaasaa /fardarraa nabuusaa /udaan nan futtaasaa
  • Otuu beekanii kosoodhan dadhii dadhii jedhu
  • Irra turaan farda ura
  • Ootummaan nadheenii karra cufaa oolcha
  • Akka ebbellutti sirbaan morma nama jallisaa (source others)
  • Waa malee manni hinaaruu (source others)
  • Ani isan barre/ issa qanbarree / ciniinsuu qarree / miixuu manharmee
  • Hojii guduruu sadii gidiruu / garbuu tumiisaa qaraqabisaa nugii tumiisaa laxxalaxiisaa
  • Waraabechi biyya hinbeekne dhaqee googaa naa dhafaa jedha (lencoo a.)
  • Odoo beeknuu huuba wajjin jette sareen (leencoo a.)
  • Biyya maal nafidde, biyya baalli huddu nama gubu jedhe namichi dobbiidhaan hudduu haxxaawwatee, (leencoo a.)
  • Kaachaa ooluus reeffi allaattii lafuma (leencoo a.)
  • Harka nama tokkootiin abidda qabuun naman-dhibu. (leencoo a.)
  • Harreen waldhiitti malee ilkaan walhincabsitu. (leencoo a.)
  • Abjuun bara beelaa biddeen biddeen jetti.
  • Sa’aa abbaan gaafa cabse ormi ija balleessa
  • Sussuqni gulufa fuudha
  • Haadha laalii intala fuudhi
  • Hadhaa kaattuu ilmoon habarartuu
  • Kan dhufattu hinqabdu ofii dhagaa dhufistti
  • Harki dhadhaqaan huddu abba dhaqa
  • Arrabni dhadhaqaa gandaan nama dhaqa
  • Jaarsii bareedaa ilkaan areeda
  • Jala bultiin lafaa nama butti
  • Duaaf karaatu gargar nama baasa
  • Obsaan aannan goromsaa duga
  • Saree adii barri walii gadi
  • Dhuufuun mariatanni dhuufan hinajooftu
  • Nyaadhuu nyaadhuu firakeetti garagalii liqimsi
  • Abbaan daadhii dhugeef ilmi afaan hin’urgaahu
  • Abbeen yoo nyaachaa bule maaddiin jala bula?
  • Ijoollee erganii ergaa wajjin dhaqu.
  • Lukkun haatee hatee kan ittiin qalamtu baafte.
  • Harree’n qabduu gaangee namaa tuffatti
  • Waan koraa dhaaf fudhaniif farduu beeke
  • Kan baranaa fi warrana jette hin-ooltu
  • Baraafi furguggee gad-jedhanii jala darbu
  • Sodaaf surree wajjin kufu,
  • Kankufees anuma kan badees surree koo tii gabaan maa natti kofaltii
  • Yoo bariyuu fedhu hindimimisa
  • Gogaan harree amalaaf daaraatti gad-kaata (?)
  • Harree ganama badde galgala kurkuriin hin­ -argu
  • Tiksee qalbii argan hanga karraatti ari’uu
  • Homaan jedhuun obboleessa gadheeti
  • Qaanoftuun intalaa obbolessaf ulfoofti.
  • Darbatanii jinfuun qabatani
  • Gaalamootni andaaqoo wiciiciit kaakisa
  • Fardii biraan gaha malee hinwaraanu
  • Gadheen fira’n beektu gandaaf dallaaran buuti
  • Eebuu gannaatii fi daba hadhaa buddeenaa homtuu namaan beeku
  • Rakkataatu jala ciisa
  • Amma naliqimsii gaafa masqalaa na natufi
  • Warrabuu ta’een dhufaa harree ta’ii na’eegi
  • Intallis kan saanii sirbis mana saanii
  • Gad-deebtuun namaa haree ribii fuutii
  • Raaddi harree wajjin oolte dhuufuu barattee galti
  • Sodaattuun cooma hin-nyaatu
  • Dhiirsi harree waraabuu irra naman’oolchitu
  • Ati kanumaa jette niitiin dhirsa huutee
  • Manni abban gube iyya’n qabu
  • Ashetaf bareeda biran darbani
  • Du’aa dhoksanii awaala eessaan dhaqu
  • Sareen warra nyaateef dutti
  • Qooree hinqaranii offif qara baati
  • Haatee bareede jennaan karaa kanaa dabartii
  • Haatee durba jennaan dur­ -kaa
  • Hibboo jennaan malluu beeke
  • Harki hanni bare dooluut socho’a
  • Sibiilli abaan qare abbaa qale
  • Tika didaaf nyaata dida
  • Akkuma durii seetee jaartiin qulla kaate
  • Luqqisaan mana fixeeti kuusaan mana gabbise
  • Firaaf abidda alaalatti/fagootti
  • Mee qurupheen foon haataatu dura
  • Kan argatanirra kan abdatantuu caala
  • Galglli harree kan waraabessaati
  • Nama wagga sodomaa wajjin hinfiigin nama waggaa afurtama wajjin hinnyaatin nama waggaa shantama wajjin hinqoosin
  • Nuugii tumanii nyaachuun dafqa baate hincaalu
  • Qubdi ofii ajaaye jedhaanii kutanii hingatanii
  • Borun hinbeeknen qoda-bukoon shee lama
  • Hiddi idooshee malee hindhiigdu
  • Namni bara kana ija babaase bara dhufu maraata
  • Raafuu fixee rafuu dide
  • Dhaquu dhaqxee gala maraatte
  • Hantuutni dhaltee dhaltee eegee geessee maassante
  • Ofiifu hinduuti maaf ofhuuti
  • Hima didduun dua hindiddu
  • Guddatanii duuluun hirbaata allaatii tauudha
  • Gugguufee dhuufuu dhuufee ol-jedhee ajeeffata
  • Afaan garii afaa gaarii caala
  • Ayaana waggaa ayaantuti argaa
  • Waan harreen tatuuf fardi hin beeku7
  • Abidda Hudduun baatee kan namaa dhaamsuu kaatti

>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>.>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>.>>>>>>>>>>>>>>

Seera Qube Seera Dubii
Seera Haasawa

Seera Qube Afaan Oromo

Qube Afaan Oromo
Seera Barressu qube
Dheeressu fi gabaabsu
Jabeessu fi laaffisuu
Hudhaa
Qube cimdii
Jalqaba sagalee
Qube guddaa fi xiqqaa

1. Seera Qube Afaan Oromo

1.1. Qube Afaan Oromo

Qube jechuun barumsa afaan Oromo keessatti mallattoo adda addaa yoo sagaleewwan barreessinu kan bakke tokko dhaabbatu jechu dha.

Jecha ( Ingl: word) jechuun immoo namnni tokko yeroo dubbatu yookaan barreessu namnni biraa dhagayee (dubbisee) yaada tokko kan ittiin qalbeefachuu danda’u jechu dha.

Afaan Oromo qube “Laatini” digdamii-ja fi qube “cimdii” shan itti fayyadama. Qube cimdii kan jennu quboota lama addaan ba’u kan hin dandeenye, sagalee biraa kennuu dhaaf akka qube tokkotitti kan lakkaawwamani dha.

Quboonni afaan Oromo akkaataa lamaan, jechuun qube guddaa fi qube xiqaa, dhan bareeffamu.

Qube guddaa: A B C D E F G H I J K L M N O P Q R S T U V W X Y Z
cimdii: Ch, Dh, Ny, Ph, Sh

Qube xiqqaa: a b c d e f g h i j k l m n o p q r s t u v w x y z
cimdii: ch, dh, ny, ph, sh

Jara kana keessa, qubeen laatini sadi, jechuun P (p), V (v) fi Z (z) sagalee afaan Oromo isa qulqullu keessatti hin mul’atani.

1.2. Seera Barressa Sagalee Afaan Oromo

Akkuma kanaa ol ilaalu dandeenyu, qubeen afaan Oromo bakka sadiitti hiramee ilaalamu danda’a.

a. Qube dubbachiiftuu (Ing: vowels)

Qube dubbachiiftuu kan jedhaman:

A, E, I, O, U (qube gurguddaa)
a, e, i, o, u (qube xixiqqaa)

b. Qube dubbifamtuu (Ing: Consonants)

Qube dubbifamtuun, quboota dubbachiftuu hin taane hundumaa dha.
Fkf: B C D F …….

c. Qube cimdii (double consonants) — akka kanaa ol caqasame

1.2.1. Seera dheerinaa fi gabaabbina qube dubbachiftu

Afaan Oromo kessatti sagaloota dheeressu fi gabaabsuf qube dubbachiftutti fayyadamna. Yeroo qube dubbachiiftun tokko lama taate walitti dhaantee katabamtu, dubbachiiftun suni dheertu taati. Yoo dubbachiiftun suni tokko duwwa tate garuu, sagalee sana keessatti dubbachiiftun suni gababa tatee dubbifatmti.

Fkf: Dheeraa: baaduu, laafaa, baala, gaadii, gaara
Gababaa: badu, lafa, balbala, gadi, gara.

1.2.2. Seera jabeenyaa fi laafina sagalee

Afaan Oromo keessatti sagalee tokko jabeessu fi laaffisu kan danda’amu qube dubbifamaa itti fayyadamu dhaani. Sagalee tokko jabeessuf qube dubbifamaa tokko naqa lama wallitti dhaansine katabna.

Fkf: Laafaa: bobaa, lolu, hatu, dhowe
Jabaa: bobba, lollu, hattu, dhowwe

1.2.3. Hudhaa ( ‘ )

Sagalee afaan Oromo keessatti dubbachiiftuun lamaa ol walitti aananii hin barreeffamani. Haata’u malee garuu, bakkee afuurri cite dubbifamaan hafutti ykn bakkee dubbifamaan hin jirretti dubbachiiftuun lamaa ol yoo walitti aananii dhufan, bakkee kanatti hudhaa ( ‘ ) galchuun barreessama.

Fkf:

Bakkee afuurri cite dubbifamaan hafu:
ta’uu (dubbachiiftuu 3)
taa’uu (dubbachiiftuu 4)

Bakkee dubbifamaan hin jirre:
oo’u (dubbachiiftuu 3)
bu’uu (dubbachiiftuu 3)
danda’uu (dubbachiiftuu 3)
ka’uu (dubbachiiftuu 3)
kaa’uu (dubbachiiftuu 4)

Jalqaba

1.2.4. Qube Cimdii

Sagalee Afaan Oromo keessatti quboonni cimdii lama walitti aananii hin bareeffaman. Jabeenyi fi laafinni quboota kanaa haasawa keessatti beekkamu.
Fkf.

Jabaa Laafaa
Mudhii Hidhii
Dachaa Kophee
Dachii Riphuu
Funyaan
1.2.5. Seera jalqaba sagalee

Afaan Oromo keessatti jalqabni sagalee tokkoo dubbifamaa lamaan hin bareefamu.

Fkf. ddaddaba, ccaba, ffoon, kkf sirri miti.

1.2.6. Seera barreessa Qube guddaa fi Qube xiqqaa

Afaan Oromo kessatti

– jalqabni sagalee: maqaa namaa, maqaa ummattaa, maqaa biyyaa, maqaa lafaa, maqaa baatii, maqaa guyyaa fi akkasumas
– Jalqabni dhaabii dubbii – kan tuqa (.) booddee dhufu hundumtuu qube guddaadhaan bareefamu.

Kan kana irraa hafan hunduu qube xiqaa dhaan bareefamu.

Fkf

1. Maqaa namaa: – Gammachu, Hirkoosa, Abdata, Caaltu k.k.f.

2. Maqaa ummattaa: – Booranaa , Karrayuu, Meecca k.k.f.

3. Maqaa biyyaa: – Oromiya, Angoola, Amerika, Jarman k.k.f.

4. Maqaa lafaa:

a) maqaa tuluu: – Baattuu, Gaaraa Mul’ataa, Cilaaloo k.k.f.

b) maqaa lagaa: – Haawaash, Gannaalee, Gibee, Dhidheessa k.k.f.

c) maqaa magaalaa: – Adaamaa, Bushooftuu, Finfinnee, Ambo, Dirre Dawwa k.k.f.

d) maqaa gandaa: – Guduru, Jiddaa, Hoolota, Salaalee k.k.f.

5. Maqaa baatii (ji’a)

1. Amajjii (January)
2. Guraandhala (Feb)
3. Bitootessa (March)
4. Caamsaa (April)
5. Ebla (May)
6. Waxabajjii (June)

7. Adoolessa (July)
8. Hagayya (Aug)
9. Birraa (Serpt.)
10. Onkoloolessa (Oct.)
11. Sadaasa (Nov)
12. Arfaasaa /Afraasaa (Dec.)

6. Maqaa guyyaa (maqaa guyyaa torbanii):

1. Wixata (Dafinoo, Hojjaduree, Isinina)
2. Kibxata (Facaasaa, Lammaffo, Balloo, Salaasa)
3. Roobii (Arbii)
4. Kamisa
5. Jimaata
6. Sambata (Sambat’xinaa, Sambataduraa, Sabtii)
7. Dilbata (Sambata-guddaa, Aalaada)

Jalqaba

Seera Dubbii

Ibsa dubbi
Dhaaba dubbii
Kutaa dubbii
Dubbii gargaaraa
Kutama dubbii
2. Dubbii (Ing. Sentence)

2.1. Ibssa Dubbii

Dubbii jechuun yeroo tokko keessatti namni tokko akka waan tokko godhu yookaan wanni tokko akka godhamuu fi akka maal ta’u kan nutti himu walitti qabama jechootati. Walitti qabamni jechoota (dubbin) kunis hiika kan qabaatu ta’ee dubbisaa fi dhagayaa dhaaf rakko malee qajeelootti kan galu ta’uutu isa irra jira.

Fkf. Wallistun booru dhufa. Caaltun dhufaa jirtti. Bartuun suni kitaaba diima qaba

2.2. Dhaaba Dubbii

Dubbiin walitti qabama jechoota haata’u malee, jechootni kun garuu hiika qajeelaa kennuu dhaaf bakke qajeelaa qabatanii argamuutu isaan irra jira.

Fkf: Wallistun booru dhufa.
Booru Wallistun dhufa.
Dhufa Wallistun booru.

Fakkeenya kana keessa dubbii lammaffaa yoo laalle, akka jiru kanattii dubbatamuu akka danda’uu fi hiika qajeelaas akka qabu dha. Dubbiin sadaffaa akka jiru kanatti hiika qabaachuu danda’uus, afaan Oromo keessatti garuu akkanatti dubbatamuu hin danda’u. As irratti wanni yaaduu dandeenyu, jechi kan wanna godhamu yookaan hojjetamuu fi waan ta’u kan agarsiisu (Ing: verb) sun dhaabii dubbii keessatti gara jalqabaarratti akka hin galle dha.

2.3. Kutaa Dubbii

Dubbiin tokko kutaa sadii, jechuun gootuu, godhamtuu fi gochaa san agarsiiftuu (gara fulduraatitti “goosii” jenaan), qabaachuu danda’us yeroo hundumaa kutaa sadeen kanaan turuu hin danda’u. Dubbiin tokko tokko kan godhamtuu hin qabne yookaan hin mul’ifne jiru. Kanaaf dubbii kutaa saditti otuu hin ta’in kutaa lamatti baafnee laaluun baayee barbaachisaa dha. Kutaa tokkofaan nama tokko, wanna tokko yookaan bakke tokko kan dhaabii dubbii tokko keessatti waayee tokko jedhamuufi dha (afaan Engliziitiin “subject” jedhama). Kuniis sagalee tokko yookaaniis sagaloota baayee ta’u nidanda’u. Kutaa lammafaani ammoo wanna tokko dhaabii dubbii tokko keessatti waan kutaa tokkofaan godhu yookaan ta’u kan ibsu (Ing: “predicate”). Kutaan kun goosii fi godhamtuu walitti qaba jechaa dha.

Fkf. Ijooleen nitaphatu.
Ijooleen karaa irratti taphatu.
Abaaboon kun urgooftuu dha.
Ijooleen ganda kanaa karaa irratti taphatu.
Jimmaan magaala bareedu dha.

Fakkeenya kana keessa ijoolee, Jimmaa, fi abaaboon kun kutaa tokkofaa (sabjektti) dha. Kan hafan garuu kutaa lammafaa (predikaatii) dha. Amma erga baranne booda gara funduraatitti kutaa dubbii kana “sabjektti” fi “predikaatii” yoo jennee dubbanne rakko fida miti.

2.4. Dubbii Garagaraa

Barnoota afaanii keessati dubbiin gara gurguddaa afuritti hirama.

1. Dubbii himsaa

Dubbiin kun wanna godhamu, hojjetamu fi ta’u kan agarsiisu jechaa dha. Dubbiin kun dubbii “ganuu” fi “eeyinaa” ta’u nidanda’a. Fkf. Gammadaan nama gaarii dha. (eeyina) Adureen hantuuta qabde. (eeyina) Inni boru hin dhufu. (ganuu) Ishiin bareedu miti. (ganuu)

2. Dubbii gaaffii

Dubbii gaaffii jechuun dubbii kan gaafii agarsiisu jechaa dha

Fkf. Afaan Oromo dandeesa? Yoom dhufta? Eenyu inni?

3. Dubbii ajaja yookaan gorsaa. Fkf. Jabaadhu! Afaan Oromo baradhu! Biyya keetiif hojjedhu!

4. Dubbii raajii

Dubbiin kun jechaa jajuu, rifachuu fi kan kana fakaatu kan agarsiisu dha. Fkf. Bareeduu intallaa! Maal aboo gamachisaa dha! Baddanii badaa!
Haata’u malee dubbii akka xineenya, guddinaa fi ulfina isaatitti yookaan akka baayyina kutaa isaatitti (predikaatii) gara saditti hiruus nidandeenya.

1. Dubbii xiqaa (gabaabaa) Dubbiin kun yookaan dubbii xiqaa (gabaabaa) kan jennu dubbii predikaatii tokko kophaa qabu. Fkf. Ijooleen nitaphatu. Ijooleen karaarra deemu. Ijooleen ganda kanaa karaa mana barumsaa deeman.

2. Dubbii guddaa (dheeraa) Dubbii guddaa (dheeraa) kan jennu dubbii lama yookaan dubbii lamaa oli sagaloota biraatiin walitti finee akka dubbii tokko goonee yoo dubbanu yokaaniis bareessinu jechaa dha. Sagaloonni walittifidduun kun fakkeenyaaf kan akka “garuu”, “haata’u malee” fi kan kana fakkaatani

Fkf. Gammadaan deemee ture. Gammadaan deebi’uu hin dhiisu.

Dubbiin kun lamaan dubbii garagaraa ti. Dubbii kana lamaan walitti finee dubbi tokko yoo goone “dubbii guddaa” ta’a.

Fkf. Gammadaan deemee ture, garuu deebi’uu hin dhiisu. Gammadaan deemee ture, haata’u malee deebi’uu hin dhiisu.

3. Dubbii ulfaataa Dubbii ulfaataa kan jennu moo dubbii predikaatii lama yookaan lamaa ol qabu dha. Dubbiin kun dubbii of hin dandeenye (kutamadubbii) fi dubbii ofdanda’aa ofkeesaa qaba.

Fkf. a) Ani ishii harra argeen ture. (dubbii of danda’aa)
b) Ishii kan kaleesa dhuftee turte, (dubbii of hin dandeenye, kutamadubbii) c) Ishiin afaan Oromo sirriitti dubbatti. (dubbii of danda’aa) Dubbii kana sadeen walitti finee dubbii tokko yoo dhaabne, dubbii kanaan dubbii ulfaataa jenaani.

Fkf. Ani ishii, kan kaleesa dhuftee turte, kan afaan Oromo sirriitti dubbatu san, harr’a argeen ture. (dubbii ulfaataa)

2.5. Kutama dubbii (Ing. Subbordinate clause)

Kutama dubbii (dubbii of hin dandeenye) kan jennu dubbii waan tokko akka godhamu yookaan akka ta’u sirriitti qajeelchee nutti himuu kan hin dandeenye jechaa dha. Dubbiin kun goosii ofkeesaa qabaachuu yoo danda’es akka dhaabii isaatitti hiika guutuu kennuu kan hin dandeenye dha. Akkana jechuun dubbii kana keessatti wanni tokko godhamuu fi ta’uun isaa mullatus wanni sun godhamee yookaan ta’e akka hin argamin hubanna jechuu dha.

Fkf. Ishiin Caaltuu jedhamti. (dubbii of danda’aa) Ishiin bareedun sun,…(dubbii of hin dandeenye) Ishiin kan afaan Oromo sirriitti dubbatu sun,… (dubbii of hin dandeenye)
Dubbii of hin dandeenye (kutamadubbii) fi dubbii of danda’aa walitti finee dubbii tokko yoo goone, dubbiin dhaabbatu sun dubbii ulfaataa ta’a jechaa dha.

Fkf. Ishiin, kan afaan Oromo sirriitti dubbatu bareeduun sun, Caaltuu jedhamtti. (dubbii ulfaataa)

Fakkeenya gara biraa kutamadubbiidhaaf: Inni kan barsiisu sun,….. Otuu akka nubarbaanu ta’e,…. Yoo yeroo qabaate,…. Yoo boru kan dhuftu ta’e,… fi k.k.f

Fkf. Ani sin eega. (dubbii ofdanda’aa) Yoo daftee kan deebitu ta’e,….(kutamadubbii) Yoo daftee kan deebitu ta’e, sin eega. Ani sin eega, yoo daftee kan deebitu ta’e. Dubbiin lamaan gara dhumarraa dhaabii dubbii ulfaataa ti. Hiikasaa yoo laale wulii agarsiisa. Waayee wulii gara funduraatitti laala.

Jalqaba

Hirmaata Haasawa
Maqaa
Bakka maqaa
Maqaa mul’iftuu
Goosii
Dabalgoosii
Naanoo
Walittifidduu
Raajii
3. Hirmaata Haasawa (Ing. Grammer)

Barnoota afaanii keessatti hirmaata haasawaa gara saddeetitti hirama. Isaaniis akka kanaa gadii ti:

Maqaa (N)
Bakka maqaa (Pron)
Maqaa mul’iftuu (Adj.)
Goosii (V)
Dabalgoosii (Adv.)
Naanoo (Prep)
Walittifidduu (Conj.)
Raajii (Exc.)
Maqaan jecha nuti namaaf, bakkeef, yaadaaf, gochaaf kkf.kenninu dha.
Fkf. Caala, Finfinne, Tullu Cilaalo fi kkf.

Bakkamaqaani immoo akkuma jedhamni isaa agarsiisu, jecha kan nuti dhaabii dubbii keessatti bakke maqaa galchinu dha.

Fkf. Caalan Caaltu wajjin jira.
Inni ishee wajjin jira.

Fakkeenya kana keessatti Caala fi Caaltuun maqaa dha. Inni fi isheen bakkee jara kanaa wanna dhaabbataniif isaan immoo bakkamaqootadha.

Maqamul’iftuu kan jennu jecha dhaabii dubbii keessatti maqaatti dabalamee hiika isaa kan ibsu dha.
Fkf. Intalli xiqqoon sun bareeddu dha. Gurbaa dheeraan kun afaan Oromoo dubbata.
Fakkeenya kana keessa “xiqqoo” fi “dheeraa”n maqamul’iftoota. Intalli fi gurbaan sun nama akkamii akka ta’aan hiika isaanii ibsu.

Goosiin jecha waan tokko akka godhamu, godhame, ta’u fi ta’e yookaaniis akka namni tokko waan tokko godhu kan nutti himu.
Fkf. deemu, hojjechu, argu, dubbisu, nyaachu fi kkf.

Dabalgoosiini immoo akkuma maqaan isaa ibsu, jecha kan hiika goosii, hiika maqamul’iftuu fi akkasumas hiika jechoota biraa agarsiisuudhaaf galani dha.
Fkf. Inni afaan Oromoo gaaritti dubbata. Isheen intala heddu bareeddu dha.
Fakkeenya kana keessa “gaaritti” fi ” heddu”n dabalgoosota.

Naanoo kan jennuu jecha kan jechoota biraatti naana’ee yookaan maxxanee dhaabii dubbii keessatti walittifirooma isaanii kan agarsiisu.
Fkf. Badhaasan gara Finfinee deeme. Inni biyya alaatti barate.
Fakkeenya kana keessa “gara” fi “-tii”n naanoota.

Walittifiduun jecha kan jechoota biraa, kutamadubbii akkasumas dubbii garagaraa walitti fidu dha.
Fkf. Atii fi ani wajjin jiraanna.
Inni gara Finfinee deeme, garuu iftaan deebi’uun isa hin oolu.
Isheen biyya alaa jirti, haata’u malee dhufuun ishee hin haafu.

Fakkeenya kana keessatti “fi”, “garuu” fi “haata’u malee”n walittifiddota.

Raajii kan jennu jecha nuti waan tokko waan nutti dhagayame san gammaduu yookaaniis rifachuu fi kkf. kan ittin beeksifnnu jechaa dha.
Fkf.. Ishoo! Maaloo…! Dhiisiboo…! fi kkf

Jalqaba

3.1. Maqaa

3.1.1. Maqaa Garagaraa

Maqaa jechuun waan namni ittiin waamamu, jedhamu yookaan wanna nuy namaaf, bakkeef, yaadaaf, gochaaaf fi kan kana fakkaatuuf kenninu dha.

Maqa akka hiikasaatitti bakkee shanitti hiruu nidandeenya

1. Maqaa waamsaa
2. Maqaa hundagayii
3. Maqaa walittiqabamaa
4. Maqaa mi’aa
5. Maqaa kan warra hin qabamnee

Maqaa Waamsaa
Maqaa waamsaa kan jennu maqaa namaa yookaan maqaa waan beekkamaa tokkoo kan akka biyya, gaaraa, lagaa fi kan kana fakkaatan dha.

Fakk. Jimmaan magaala bareedu dha.
Gibeen laga guddaa dha.
Badhaasaan barataa dha.
Cilaaloon gaara guddaa dha.

Maqaa Hundagayii
Maqaa hundagayiin maqaa nuy namoota sanyiin isaanii tokko ta’e yookaan kan firooma waliraa qaban akkasumas wanna gara biraa bifaa fi jireenyaan kan walfakkaatan hundaaf kan kenninu dha.

Fakk. Faranjii, Oromoo, Guraagee, Loon, Habaaboo, Mana fi k.k.f.

Maqaa Walittiqabamaa
Maqaa walittiqabamaa kan jedhamu maqaa walgayii namaa fi walgayii waan biraa bakke tokkotti laalamuu dha. Asirratti walgayii yoo jennu yeroo tokko keessa kophaa walitti dhufamee kan bakke tokko taa’u otuu hin ta’in, jireenyumti isaatuu walgayii kan ta’e jechaa dha.

Fakk. Horii, Saba, Polisii fi k.k.f.

3.1.1.4. Maqaa Mi’aa

Maqaa mi’aa kan jennu maqaa mi’a garagaraa ti. Miini kan namni waan tokko

ittin hojjetu yookaan waan biraa irraa hojechuu kan danda’u dha.

Fakk. Bishaan

Aannan

Foon

Kafana fi k.k.f.

3.1.1.5. Maqaa Warra hin Qabamnee

Warrii hin qabamne kan jennu warra ta’asaanii yookaan gochaa- fi

godhamasaanii kan arguu dandeenyu, garuu isaan harka keenyaan qabu kan hin

dandeenye dha. Maqaa isaanii kennamuun maqaa warra hin qabamnee jenaan.

Maqoonni akkanaa kun hirmaata dubbii keessatti bakkee guddaa qabu. Maqoota

kana sagaloota biraarraayis uumuu nidandeenya.

Fakk. adii addeenya

hamaa hameenya

jabaa jabeenya

fago fageenya

dheeraa dheerina fi k.k.f

3.1.2. Uumama Maqaa

3.1.2.1. Waayee dhalchaa fi dhaltuu (saalaa)

Maqaan akkatti uumamu otuu hin ibsin, duraan dursinee wanna tokko hubachuun,

barnoota kanaaf baayee nugargaara. Ilmaan namota yookaan wanni biraa kan

lubbu qabaatanii jiraatan akka lamatti jiraachuu danda’an. Kuniis akka

dhalchaa yookaan akka dhaltuu ti. Ilmaan namootaatiin garuu “dhiiraa” fi

“dubartii” yoo jennu warra kaaniin kormaa fi dhaltuu jechuus nidandeenya.

Warra kanaraa hafan afaan Oromoo keessatti akka dhalchaa yookaan akka dhaltuu

goonee dubbachuu nidandeenya.

Fakk. Badhaasaan dhufe. (dhiira)

Caaltuun mana jirtti. (dubartii)

Leencii nibookkisa (dhalchaa)

Aduun ba’e. (akka dhalchaa)

Aduun baate. (akka dhaltuu)

Fakkeenya kana keessa dubbii lamaan gara dhumarraa kana yoo laale, akkuma

kanaa olitti ibssametti “aduu” akka lachittuu laaluu akka dandeenyu dha.

3.1.2.2. Uumama Maqaa Maqamul’iftuu

Maqaa warra hin qabamnee maqamul’iftu irratti “-eenya”, “-ina”, “-ummaa”,

“-uma” yookaan “-ooma” dabalee uumuu nidandeenya.

Fakk. maqamul’iftuu maqaa warra hin qabamnee

adii addeenya

fago fageenya

hamaa hammeenya

dheeraa dheerina

bayeessa bayeesummaa

walaala walaaluma

gamna gamnuma fi k.k.f.

3.1.2.3. Uumama Maqaa Goosii fi Maqaarraa

Maqaan warra hin qabamnee goosi irraa akkaataa garagaraatitti

uumamuu nidanda’a. Akkaataa garagaraa kana keessaa akkaataa beekkamaan uumama

dhalchaa fi dhaltuu ti.

Fakk. 1. akkaataa uumama dhalchaa fi dhaltuu

goosii dhalchaa dhaltuu

arg- agarsiisaa agarsiiftuu

ibs- ibsaa ibsituu

mul’is- mul’isaa mul’iftuu fi k.k.f.

As irratti wanni qalbeefachuu nubarbaachisu maqoonni asitti kennaman kun akka

hojjaa isaan agarsiisanitti namaafiis dhaabbachuu yoo danda’anis akka maqaa

warra hin qabamnee ti.

2. akkaataa biraa

goosii maqaa kan warra hinqabamnee

deem- deemsa

abaar- abaarsa

ijaar- ijaarsa fi k.k.f.

3. uumama maqaa warra hin qabamnee maqaa hundagayii irraa

maqaa hundagayii maqaa warra hin qabamnee

Oromoo Oromummaa

Ijoolee Ijoolummaa fi k.k.f

3.1.3. Lakkoofsa Maqaa

Maqaa lakkaawamu kan jennu maqaa waan tokkoo kan tokko, lama, yookaan baayee

dha jennee meeqa akka ta’e agarsiisuudhaaf kan dubbanu jechaa dha. Haata’u

malee maqaa lakkaawamu tokko, lama, kudhan jenne yeroo hundaa akka baayina

isaatitti otuu hin ta’in barnoota afaanii keessatti gara gurguddaa lamatti

hirra. Isaan lamaan kun – tokkee fi

– baayee dha.

Afaan Oromoo keessatti maqaa baayee lakkaawamaan maqaa tokkeerraa akka kanaa

gadiititti uumama.

1. dhuma maqaa tokkeerra dubbachiiftuu gatanii bakkee kanatt “-ota” yookaan

“-oota” daabalanii kan uumaman

Fakk. tokkee baayee

hoolaa hoolota

harree haroota

nama namoota

saree saroota fi k.k.f.

Haata’u malee seerii kun yeroo hundaa maqaa hundumaafuu hin hojjeta jechuu

hin dandeenyu.

Fakk. obboleessa obbolaa (obboloota)

dargaggeessa dargaggoota (dargaggoo)

2. akkasumas “-olii” yookaan “-olee” tokkeetti dabalanii kan uumamanis jiru

Fakk. ilmoo ilmoolee

gooftaa gooftolee (gooftolii)

Afaan Oromoo keessatti seerii uumama maqaa baayee seera kana lamaan kophaa

miti. Akaataan biraatiis jiraachuu hin danda’a.

Fakk. korma korommii

sa’a saawaa fi k.k.f.

Maqaa hin lakkaawamne kan jennu moo maqoota baayina isaanii ammam amma ta’an

lakkoofsaan tokko, lama, yookaan dhibba jenne agarsiisu kan hin dandeenye

dha.

Fakk. Bishaan

Aannan

Okaa

maqaa warra hin qabamnee fi k.k.f

3.1.4. Hojjaa Maqaa

Maqaan dhaabii dubbii keessatti bakkee garagaraa qabaachuu yookaan hojjaa

garagaraa agarsiisu nidanda’a.

1. Maqaa akka gootuutitti (sabjektti)

Fakk. Badhaasaan gara Finfinee deeme.

Cilaaloon gaara guddaa dha.

Manni isaani bareedaa dha.

Horrin bobba’ani jiru.

Bishaan malee namni hin jiraatu.

Hammeenyi gaarii miti.

Fakkeenya kana keessatti maqoonni kun gochaa yookaan ta’umsa waan tokkoo

agarsiisun. Isaan sabjekti dhaabii dubbii ti jechaa dha.

2. Maqaa akka godhamtuutitti

Fakk. Ani Badhaasaa wajjinan ture.

Inni gaara Cilaaloo arguu barbaada.

Ishiin mana gaarii qabdi.

Gurbaan horii bobaase.

Gaali bishaan baayee dhuga.

Nuy hammeenya hin jaalannu.

3. Maqaa akka maqamul’iftuutitti galee qabeenya kan agarsiisu

Fakk. mana – nama mana namaa

qaawwa – balbala qaawwa balbalaa

ilma – nama ilma namaa

kottee – bineensa kottee bineensaa fi k.k.f.

Qabeenya jechuun fakkeenyaaf mana namaa, qaawwa balbalaa yookaan kottee

bineensaa yoo jennu manni kan namaa, qaawwi kan balbalaa fi kotteen kan

bineensaa ta’uun isaanii waan beekkamuuf jechaa dha.

Gaafii eenyu tu kan eenyu ti? maal tu kan maalii ti? yookaanis maal tu kan

eenyu ti? kan jedhuuf deebisa kenna.

Fakk. 1) Inni mana namaa baleese.

2) Mana namaa guddaarra kan ofii xiqaa wayya

Dubbii kana laman yoo laale “mana namaa” dhaabii dubbii duraa keessatti akka

godhamtuu kan lammata keessatti akka gootuu (sabjektti) ta’u isaa nihubanna.

Hiikasaa qajeelootti ibsuudhaaf, dubbii lammaffaa akkaataa biraatiinis

bareesuu nidandeenya.

Fakk. 3) Mana namaa guddaa irra kan ofii xiqaa tu gaarii dha.

Asirratti “mana namaa” yoo jennu namni qabaa yookaan abboomaa, manni moo

qabamaa ta’u isaanii hubbachuu nidandeenya. Afaan Oromoo keessatti maqaa

qabaan isa qabamaa booda dhufa.

mana namaa

(qabamaa) (qabaa, abboomaa)

Akka kanaa olitti laalametti “mana namaa” dhaabii dubbii sadeen keessatti

otuu of hin jijjirin gale. Gootuu yookaan godhamtuu ta’usaa beekuu kan

dandeenyu hiika dubbii kana irraa dha. Haata’u malee maqoonni akka gootuu

yookaan godhamtuu ta’anii dhaabii dubbii keessatti galan, maal akka ta’an

beekuu kan dandeenyu jijjirama yookaan uumama isaani irra dha. Seera

jijjirama yookaan uumama akkanaa kanaa armaan gaditti laala.

3.1.4.1. Maqaa akka Gootuu

Gootuun dhaabii dubbii keessatti eenyu yookaan maaltu maal akka godhu fi akka

ta’u nutti hima. Kanaaf maqoonni akka gootuu ta’ani yoo galan akka seera

kanaa gadiititti jijjiramu.

1. maqoota kan dhuma isaanititti “-n” dabalanii jijjiraman

Fakk. saree sareen

bultii bultiin

garbuu garbuun

Finfinee Finfineen

ijoolee ijooleen

Badhaasaa Badhaasaan fi k.k.f.

2. maqoonni tokko tokko dubbachiiftuu dhumarraa gatani “-ni”

fudhatan

Fakk. lafa lafni

mana manni

nama namni

muka mukni

quba qubni fi k.k.f.

3. maqoonni tokko tokko ammoo dhumasaanii jijjirani kan “-ti”

fudhatus jiru

Fakk. haadha haati

fuudha fuuti fi k.k.f

4. Maqoonni dhumarraa dubbachiiftuu gatani bakkee kanatti “-i” kan

fudhatan

Fakk. harka harki

ilma ilmii

harma harmi

adda addi fi k.k.f.

5. maqoonni dhumnisaanii “-n” ta’an otuu hin jijjiramin akkuma

jiranitti galu

Fakk. bishaan

ilkaan

funyaan

afaan fi k.k.f.

Seera kan kanaa olitti kennaman walittiqabnee ibsuudhaaf-

Maqoonni yoo akka gootuutitti dhaabii dubbii keessatti galan dhumasaanirratti

-n, -ni, -ti, -i fudhatu. Dhumnisaanii -n

yoo ta’e ammoo akkuma jiranitti galan jechaa dha.

6. seera gara biraa

a. Maqamul’iftuun yoo maqaa wajjin dhufte, akkasumas beeksiisa

gootuu fudhatti

Fakk. mana guddaa manni guddaan

nama gaarii namni gaariin fi k.k.f.

b. Maqoonni lama walittiqabamanii walfaana yoo dhufan, maqaa

qabamaa tu beeksiisa gootuu fudhata

Fakk. mana namaa manni namaa

qaawwa balbalaa qaawwi balbalaa

kottee bineensaa kotteen bineensaa fi k.k.f.

3.1.4.2. Maqaa akka Godhamtuu

Dhaabii dubbii keessatti godhamtuun gara gurguddaa lamatti addaan baafnee

laala. Isaanis

– godhamtuu sirrii fi

– godhamtuu sirrii hin taane dha.

Godhamtuu sirrii kan jennu godhamtuu ofdanda’ee dhaabii dubbii keessa kan

jiraatu yookaan kan ifatti mul’atu jechaa dha. Gochaa gootuurraa dhufu san

sirritti fudhatee waan ta’u yookaan waan godhamu san ifatti mul’isa. Gaafii

maal tu maal ta’e? maal tu maal godhe? maal tu maal godhame? yookaanis ammoo

eenyu tu maal ta’e? … maal godhe? kan jedhuuf deebisa sirrii kan kennu dha.

Fakk. Badhaasaan farda bite.

Gammadaan hoolaa qale.

Inni gaazexaa dubbise.

Fakkeenya kana keessa “fardi”, “hoolaa” fi “gaazexaa”n godhamtuu sirrii ti.

Gochaa ta’e sana jechuun asitti “bitama”, “qalama” fi “dubifama” gootuu

isaaniitirraa sirritti fudhatan.

Godhamtuu sirri hin taane dhaabii dubbii keessatti ofdanda’e hiika guutuu

hin kennu.

Dhaabii dubbii keessatti hojjaan inni agarsiisu

– waan tokkotti waa akka godhamu

– waan tokkoof waa akka godhamu

– waan tokkoon waa akka godhamu dha.

Godhamtuu sirri hin taane, kan hojjaa sadeen kanaa olii kana agarssisan

godhamtuu naanoo jedhamu.

Fakk. Badhaasaan okaa fe’e (godhamtuu sirrii)

Badhaasaan harreetti okaa fe’e. (godhamtuu naanoo)

Asirratti “Badhaasaan harreetti fe’e.” jenne yoo dubbanne, dubbiin kun

ofdanda’e hiika guutuu hin kennu. Wanni tokko harreetti akka fe’amu hima

malee wanni fe’ame sun sirritti ifatti baye hin mul’ane. Harreen godhamtuu

taatuus dhaabii dubbii kana keessatti godhamtuu sirrii miti. Godhamtuun

sirrii okaa dha yookaan “Badhaasaan harreetti fe’e” yoo jenne godhamtuun

sirrii harree otuu hinta’in isa waan harreetti fe’ame sana.

___________________________________________________________

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s