Mootummaan Ertiraa immoo “Mootummaan Itiyoophiyaa rakkoo isaa biyya keessaa hidda gad fageeffateef sababaa biraa barbaaduu mannaa, deebii dhuga-qabeessa tahe itti kennuu isaaf wayya” – jechuudhaan, balaaleffannaa mootummaa Itiyoophiyaa sana “dhara” jechuun haale. Gama biraan, dhiheenyuma kana, haleellaa godinaa Booranaa keessatti geggeessame ilaalchisuun kan ibsa kennanii turan, bakka-bu’aan Komaand Poositii Yeroo Hatattamaa Itiyoophiyaa, Jeneraal hasan Ibraahim, “loltoonni Adda Bilisummaa Oromoo, kallattii biyyattii sadi’iin – jechuun – gama Bahaa, gama Lixaa fi gama Kibbaatiin akka biyyattii seenuuf sochaa’uu jiran beekamaadha” jedhanii turan. Dubbi-himaan Adda Bilisummaa Oromoo – Obbo Toleeraa Adabaa, Addi Bilisummaa Oromoo humna guutummaa Oromiyaa keessa uummata isaa waliin socho’aa jiru, jechuun deebii kennanii turan.
Guutummaa gabaasaa kanaa dhaggeeffadhaa